20/06/2026
Sagantaan leenjii marsaa lamaffaa Giddu Gala Qoranno Qona Makaanaayizeeshiin fi Leenjii Qulumsaa fi Biiroo Qonna Oromiyaa waliin ta’uun qophaa’e milkaa’inaan xumuramuu isaa gammachuun isin beeksifna.
Kaayyoon ijoo leenjii kanaa dandeettii fi beekumsa dargaggootaa hojii suphaa maashinoota qonnaa irratti cimsuu ture. Sagantaan kun akkasumas dargaggootaaf carraa hojii uumuu, dandeettii teeknikaa isaanii suphaa maashinoota qonnaa irratti guddisuu, akkasumas rakkoolee hojii, fayyadama, fi suphaa maashinootaa fi meeshaalee qonnaa irratti qonnaan bultoota mudatan furuuf kan kaayyeffate ture.
Saganta kand akka qophaayuufi milkaayinaan akka tummuramu galanni guddaan kan isaani malu,tokkoffaa Biiroon Qonna Oromiyaa guddaa ha galatooman. Akkasumas hojjettoota Giddu Gala Qoranno Qona Makaanaayizeeshiin fi Leenjii Qulumsaa hojii isaanii ciminaaan, kutannoon hojjechuu isaanii sagantaa kana milkeessuuf guddaa galateeffanna. Akkasumas Giddu Gala Qoranno Qona Qulumsaa deeggarsa itti fufiinsa qabuun sagantaa kana milkaa’inaan xummuruuf hojii isaanii ga’ee gudda taphateef galatni addaa isaan ha ga’u.
Tokkummaan human, tumsa, kutannoo fi mul’ata waloo qabaachuun misooma guddaa galmeessuu, hawaasa keenya jabeessuu fi hawaasa jiruun isaanii ifa ta’e ijaaruu ni dandeenya.
We are pleased to announce the successful completion of the second round joint training program conducted by Kulumsa Agricultural Mechanization Research and Training Center in collaboration with the Oromia Agricultural Bureau.
The primary objective of this training was to enhance the skills and knowledge of young people in farm machinery operation and maintenance. The program also aimed to create employment opportunities for youth by developing their technical capacity in agricultural machinery maintenance, while helping farmers address challenges related to the operation, utilization, and maintenance of farm machinery and implements.
We would like to express our sincere gratitude to the Oromia Agricultural Bureau for its valuable collaboration and support.
Our heartfelt appreciation also goes to the Kulumsa Agricultural Mechanization Research and Training Center staff. We also extend our special thanks to Kulumsa Agricultural Research Center for its continuous support and excellent facilitation, which greatly contributed to the success of this important initiative.
Togetherness is strength. Through collaboration, commitment, and a shared vision, we can achieve greater development, empower our communities, and build a brighter future for all.