Ibrahim Abdurehman

Ibrahim Abdurehman Peace and love for all

30/10/2022
08/10/2022

hello

05/10/2022

hello guys i am apage now please follow me

04/10/2022
02/10/2022
Ye kebrachin megelecha nachew. We love and respect you
24/09/2022

Ye kebrachin megelecha nachew. We love and respect you

Ye talemnawn beltsigina ewun enadergallen
24/09/2022

Ye talemnawn beltsigina ewun enadergallen

20/07/2022



Maxxansa_2ffaa



haga 4ffaa tti yoo hin dubbisne ta'e 'page' Koo jala seeni dubbisi!
!!

Nimoonanis Deebise Anis Sin Jaalladha Duree Koo jedhee Ofitti qabee Osoo hin Beekin Miirri Adda ta'e Nimoonaa keessan Darbe Hidhiin Nimoona fi Duree wal Tuqe . Gidduutti Sagaleen Nama dhaga'aame Nimoonaa fi Dureen Naasuudhan Waan Eegaluuf ka'an addan kutan. Kom. Shuumiin Dhimma Abbaa Nimoonaa Sanaaf ragaa Sobaa Osoo Qindeeffatee Gara Fiinfinnee Osoo deemaa jiru Balaa konkolaaata isaaan mudateen lubbuun isaanii daandii gubbaatti bade.

Kana irraa kan ka'e Dhimma Abbaa Nimoonaa erga kom. Shuumiin boqotani Namni hordofu dhibee jennaan isaanis wagga 15 ffaa isaanitti mana hidhaa qaallitti keessa bahaan. Abbaan Nimoonaa yeroo achi buuteen isaa dhabame Nimoonan reefu daree barnoota gala. Harra innnis nama umurii 21 keessa jira. Abbaan isaa Mana adabaati haa Bahuu malee qarshii Ittiin gara biyyaatti deebi'ee Galu waan dhabeef Achuma magaala Fiinfinnee keessatti Hojii Waardiyaa argatee Hojjechuu Eegale. Haa ta'u malee warri waardiyaadhaf isa ramdatan Gara Ambootti waan galaniif Abbaan Nimoonaa gara Magaalaa Amboo isaan waliin dhufe.

Duree fi Nimoonaan qorumsa seensa’ University ‘fudhatanii qabxiin seensa university akka ifoomuuf eegaa jiru. Egaa qonnaan bulaan tokko sanyii gaarii yeroon yoo facaase oomisha gaarii sassabbachuun isaa waan oolu miti. Kan yeroo fi Sanyii hin taate facaasu immoo firiin isaa maal akka ta’u tilmaamuun nama hin dhibu. Abban waanuma facaase haammata!
Akkuma Qabxiin seensa university ifoomeen Baratoonni Baga gammadde baga gammadde waliin jechuu eegalan. Nimoonaa fi Siifaan qabxii isaani Ilaallachuuf gara mana ‘Internet’ deemani dabaree eeggacha jiru . Safuu yaa baraa inni kaan yeroo kolfaa gammadaa ba'u, inni kaan immoo boquu buusee ba'ee deema. Carraan warra hiriira qabatanii dhaabbataniis kana lamaan keessa tokko ta'a . Gammaduu fi Gadduu keessa filannoo tokko fudhachuun filannoo dirqamaati.Carraan Nimoonaa fi Siifaan kana keessa tokko .

Akkuma Dabareen isaan Ga'een Nimoonaan Dura ol seene haga inni gadi ba'uutti Dureen yeroo tokko gadi teessi Yeroo tokko Ol kaati akka nama ciniinsuun qabee cuniinsifachaa jirti . Nimoonanis fuula ifaadhan gadi ba'ee Dureenis ol seente ilaallatte isheenis Gagammadaa gadi Baate Nimoonaa fi Dureen gammachuu Guddaan waalitti marmanii waliif gammadaa karaa isaanii irra qajeelan .

Dachee kana irratti haga jiraattutti jireenya dorgommii jiraatta. Kun immoo yeroo hunda qophiin akka teessu si dirqamsiisa. Milkaa’umsa cina kufaatiitu jira, Milkaa’umsaaf dorgomaa ta’uu barbaadda taanaan kufaatiin akka dirqamaatti cina jira. Gaafa dorgommiif dhiyaattu waa lama keessa tokko akka fudhattu beekuun sammuu kee amansiisuun barbaachisaadha. Kana ta’uu yoo baate injifachuuf qofa sammuu kee amasiistee deemta taanaan kufaatii keef dogoggora kee amantee fudhachuun baay’ee sitti ulfaata kun immoo abdi kutannaa sitti fida.

Guyyaa biraa Dureen Nimoo manatti waamtee afeerraa Erga taasisteef. Osooma ta'anii "Television" ilaala jirani Ramaddiin Bakka ‘University’ akka ifoome miidiyaan dabarse Duree fi Nimoonaanis Ariitiidhan Mana cufanii Gara mana 'Internet' tti sokkan. Garaagarummaan addunyaan kun qabdu jireenya dhalli namaa dachee kanarratti jiraatu akkanni nuffisisaa hin taaneef gahee guddaa bahaateera. Inni tokko xiyyaara xiyyaara irratti maafan bituu dhabee cinqama ,inni tokko immoo lukkuu tokko iyyuu hin qabuu garuu ni kolfa. Inni tokko fayyaa dhabee siree waliin waldhaansoo walqaba. Tokko utuu fayyaa qabu uumaatu akkas na godhe jedhee komii tuma.
Nimoonan Abbaas Haadhas dhabee hiyyummaan hamaan umurii isaa malee isa mudate kun uumaa isaa irratti garuu tasa guungumee hin beeku . Haalii inni itti jiru garuu waan obsa kennuuf miti. Barreessaan Beekama Dr. Maayiles Muniroo kitaaba isaa "Understanding your potential" Jedhamu keessatti akkas jedhee barreesse .

Waaqayyoo Osoo siin hin Uumin dura waan si barbaachisu dursee Siif Uume jedha. Har'a Nimoonaan Duree waliin Gara mana Internet deemee. Ramaddii university isaa baruu haa deemu malee qarshii ittin gara university deemu miti kan nyaate jiraatu iyyuu dhabee guyyaa argate nyaate guyyaa dhabe immoo akkasitti oola. Haalli Kun Nimoonaa sammuu isaatti Bilbila. Haasaa Dureen itti Haasoftu itti Minya'uu dideera .

akkuma ilaallataniin Dureef Nimoonaa university Bule Horaa gahe. Siifanis Boonaa waliin ramaddii isa argatte baay'ee gammaddee Nimoonaatti marmitee dhudhungatte gammachuu ishee isaaf ibsuu yaalti. Inni Garuu yaadaan fagaateera. Haalli Nimoonaa kun Dureetti gaaffi ta'eera . Isheenis Ofitti qabdee maal taate Nimoo Koo maalif yaadaan badda jettee ija ishee miidhagaa kana sulul goote mararamtee ija isaa keessa ilaalte.

Innis Lakki Duree Hooma hin taane jedhee dhoksuuf yaalus isheen Garuu Nimoo Koo rakkoo hin qabu waan rakkattu tokkole nan dhoksini natti himi. Nimoo Koo ati natti hin himtu taanan anis baay'een dhiphadha. Yoo ati natti himte garuu ani rakkoo kee Mara sirraan hirmaadha Nimoo Koo adaraa nan hin dhoksin Natti himi Nimoo Koo jette Nimoonanis Duree Koo Haalli ani Keessa jiru Beekta Ani Abbaas Haadhas hin qabu Fira koos Naman beeku hin qabu. Namni ani fira keeti naan jedhus hin jiru. Kanaaf Duree Koo Ani Barnoota Koo ituu inni akka Dammaatti natti minya'uu Barachuuf Osoon Hawwuu har'a irraa Eegale Garuu dheebuu Hawwii Koo kana waanin fuulleetti ilaale garuu ce'ee fudhachuu hin dandeenye taheera. Duree Koo namni Tokko Asii ka'ee Gara Gujiitti imaluuf qarshiin hagam amma isa barbaachisu Beekta Ani har'a Gujii Deemu miti waanin Nyaadhe bulu hin qabu jedhee Ija isaa qaratti erge.

Dureenis calleensa yaadaa keessa turte keessa deebitee Nimoo Koo haali ati itti jiraattu dhuguma nama dhukkuba. Namni tokko barachuuf maal akka isa barbaachisan nama jalaa dhokataa miti . Atis Beelaa fi dheebuu Obsitee haga kana barnoota keeti Jabaatte isa iyyuu akka mana Barnoota keenyatti qabxii ola'aana galmeessite .Ati Nama cimaa Nama obsi irra baratamuudha Nimoo Koo ani waan hedduun Sirra Baradhe ati anaaf michuu Koo isa gati jabeessa . waan hundaafu Rabbi si Uume bakka kanaan si ga'e Sin gatu. Kanaaf atis sammuu kee tasgabeessi waan gochuu dandeenyu walumaan mari'anna jette. . Itti fufaa.......

Address

Jimma

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ibrahim Abdurehman posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Ibrahim Abdurehman:

Share