05/08/2023
Mee har'a waa'ee obboleessa koo waan xiqqoo dubbachuun barbaade na hofkolchaa!!!
Ilmi namaa uumamaan kennaa adda addaa akka qabu ni beekama.
Tokko tokko immoo uumaan waan hundaan badhaastee jirti. Namoota uumaan waan heddu bakka tokkotti gumaachiteef keessaa tokko obboleessa koo Jawar Mohammed jechuun ni danda'ama. Akka hiriyaattis ta'ee akka jaala qabsootti dinqisiifannaa isaaf qabu irraa kan ka'e eenyutti akka isa fakkeessu na rakkisa. Inni motora qabsoo ummata Oromo jaarraa kanaa yoo jedhe dhugaa irraa waan fagaadhe hin se'u. Umrii ijoollummaa kanatti ummata Oromo fi biyya tanaaf bu'aa guddaa buusee jira. Dhugaa Oromo dirree addunyaatti akka baatu warra taasisan keessaa tokko. Guufuu hanga gaaraa ulfaatu hunda ummata Oromo wajjiin of jaalaa kaasee injifannoon as gahee jira. Jaallan qabsoo wajjiin Mahandisa qabsoo Oromo warra baasanii fi hoogganan keessaa adda duree ta'ee hoogganee jira. Siyaasa hammayyaa'aa dhaloota haaraa barsiisee jira. Dhaloonni kun Isa irraa kaayyoo qulqulluu,jaalala ummataa, sabboonummaa dhugaa,gootummaa,kutannoo,
Abdii,injifannnoo,obsa,gara laafina irraa barachuu qaba.
Isin Jawaar eenyun isinitti fakkaata?
Yoo Naafxanyaa fuulletti falmu Leenjisoo Diigaa,Elemoo Qulxuu fi Qeerroo Nageessoo fakkaata.
Yoo Diina keessa taa'ee dhugaa Oromootif hanga wareegamaatti qabsaa'u J/ Taaddasaa Birruu fi Maammoo Mazammir Fakkaata.
Yoo Diinaf harka kennuu Didu Waaqoo Guutuu fi Jaarraa Abbaa Gadaa fakkaata.
Yoo Wareegamaaf of qopheessu Baaroo Tumsaa fi Nadhii Gammadaa fakkaata.
Yoo tokkummaa Oromoo eeguuf halkaniif guyyaa hojjatu Magarsaa Barii fi Kolonel Alamuu Qixxeessaa fakkaata.
Yoo dhugaa Oromootif Geerraru Ibsaa Addunyaa fi Umar Suleeymaan fakkaata.
Yoo iccitii Oromoo eegu H/ Aadam Saaddoo fakkaata.
Yoo naafxanyaa lubbuun taphatu gootota gaafa Aanolee fi calanqoo fakkaata.
Yoo maqaa isaa Diinni sodaatu Qeerroo fi Qarree Oromoo fakkaata.
Yoo bilisummaa ummata Oromootif qabsaa'u gootota Oromoo hunda fakkaata.
Kan hafe isin itti dabalaa..