Oromia Forest and Wildlife Enterprise

Call Website Contact the business

Oromia Forest and Wildlife Enterprise Bara 2022 ti Dhaabata Bosonaafi Bineensa Bosona Afrikaa Bahaatti Addaa duree,Beekkama fi hawwatama ta'e arguu.

29/10/2026
29/10/2026

DhBBBOn Tarsiimoo Mootummaan Kaa’e Hordofuun Teeknooloojii fayyadamaa jiraachuun ibsame.
***************************************************************************
Dhaabbanni Bosonaa fi Bineensa Oromiyaa konkolaataa jedhamu, kan ofiin isaatiin gudeelcha fe’uu, geessuu fi buusuu danda’u, hojii irra oolchuuf Onkololeessa 20/2019 waajjira olaanaatii wal harkaa fuudhiinsii gaggeeffamee jira.
Konkolaataan kun gudeelcha humna namaatiin baadhatamaa ture, maashiinii teeknooloojii haaraa fayyadamuun bakka kan bu’u yoo ta’uu, humna namaa fi yeroo qusachuu qofa osoo hin taane, miidhaa gudeelcha baadhachuun nama irra gahaa ture kan hambisuu jedhamee jira. Kunis dhaabbatichi tarsiimoo mootummaan baase hojiirra oolchuu fi teeknooloojii fayyadamuun gara induustiriitti ceeʼaa jiraachuu isaa hoggantoonni ibsaniiru.
Sagantaa kana irratti Hoggantoonni Oromiyaa Agroo Gruupii (OAG), hoggantoonni DhBBBO fi hojjattoonni hirmaataniiru.

."
================================
Face Book
https://web.facebook.com/profile.php?id=100083274790328
Telegram
https://t.me/OromiaFWE
LinkedIn
https://lnkd.in/p/g3cxngXn
Instagram
https://www.instagram.com/oromiafwe2025/
TikTok
https://www.tiktok.com/...
Youtube
https://m.youtube.com/channel/UCa-w39y7RduyH26etZfCqkg

22/10/2026

Managmantiin waajjira ol’aanaa fi hojii gaggeessitoonni dameelee Dhaabbata Bosonaa fi Bineensota Oromiyaa (DhBBBO), gammaggama raawwii hojii kurmaana 1ffaa bara 2019 fi leenjii kaizen ergaa xumuranii booda, muuxannoo kaizen fudhachuuf Korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaa (OCC) daawwatan.

Hogganoonni DhBBBO Korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaa (OCC) daawwatan!*****************************************************...
22/10/2026

Hogganoonni DhBBBO Korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaa (OCC) daawwatan!
*****************************************************************
Finfinnee, Onkololeessa 12/2018 (DhBBBO): Managmantiin waajjira ol’aanaa fi hojii gaggeessitoonni dameelee Dhaabbata Bosonaa fi Bineensota Oromiyaa (DhBBBO), gammaggama raawwii hojii kurmaana 1ffaa bara 2019 fi leenjii kaizen ergaa xumuranii booda, muuxannoo kaizen fudhachuuf Korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaa (OCC) daawwatan.
Leenjiin fi muuxannoon kaizen oomishtummaa dabaluu, qulqullina oomishaa fi tajaajilaa eeguu, baasii hin barbaachifne hambisuu fi bu’aa mullisuuf, akkasumas dorgommii magaala keessatti dhaabbata cimsuuf faayidaa guddaa qaba.
OCC sirna kaizen hojii irra oolchuun dhaabbata “African Kaizen Award” jedhamu irraa badhaafamuun isaa ni yaadatama.
OCC fi DhBBBO dhaabbilee Misooma Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun kan beekaman yoo ta’u, daawwannaan kun muuxannoo gaarii dhaabbilee walfakkaatan irraa waljijjiiruuf carraa bal’aa kan uume dha.
Kaizenii falaasama jijjiirama hojii yoo ta’u, jijjiirama itti fufiinsa qabuun oomishaa fi tajaajilaa fooyyessuuf, dhaabbilee bu’aan irraa eegamu keessatti shhra ol’aana taphata.

."
================================
Face Book
https://web.facebook.com/profile.php?id=100083274790328
Telegram
https://t.me/OromiaFWE
LinkedIn
https://lnkd.in/p/g3cxngXn
Instagram
https://www.instagram.com/oromiafwe2025/
TikTok
https://www.tiktok.com/...
Youtube
https://m.youtube.com/channel/UCa-w

📢 Gamaaggamni Raawwii Hojii Kurmaana 1ffaa Bara 2019 gaggeeffame!!******************************************************...
21/10/2026

📢 Gamaaggamni Raawwii Hojii Kurmaana 1ffaa Bara 2019 gaggeeffame!!
**************************************************************
Manajmantiin Dhaabbata Bosona fi Bineensa Bosona Oromiyaa, gamaaggama raawwii hojii kurmaana 1ffaa bara 2019 Guyyaa 11/02/2019 Magaalaa Adaamaatti gaggeesse jira.
Marii kanarratti Daarektarri Gabaa, Karoora, Hordoffii fi Gamaaggamaa Obbo Dajanee Asaffaa gabaasa raawwii hojii kan dhiheessan yoo ta’uu gabaasaa isanii keessatti raawwiin karoora hojii kurmana 1ffa akkata jalqaba bara baajataa irratti waadaa waliif galame sanitti hamma barbaadamuun galma gahuu dhabuu eeranii, hojiin hojjatame qulqullina irratti xiyyeeffannoo guddaa kan barbaadu ta’uu dhaamanii jiran.
Waltajii kanarratti Manajmantiin Waajjira Ol’aanaa, Hojii Gaggeessitoonni Damee fi Hojii Gaggeessitoonni Paarkootaa hirmaatani jiran.
Waliigalatti hojiin kurmaana 1ffaa keessattii osoo hin raawwatamin hafe bal’aa waan ta’eef, kurmaana 2ffaa keessatti hojjatamuu akka qabu irrattii waligaluun waltajiin xumuramee jira.

."
================================
Face Book
https://web.facebook.com/profile.php?id=100083274790328
Telegram
https://t.me/OromiaFWE
LinkedIn
https://lnkd.in/p/g3cxngXn
Instagram
https://www.instagram.com/oromiafwe2025/
TikTok
https://www.tiktok.com/...
Youtube
https://m.youtube.com/channel/UCa-w

Oomishtummaa fi Bu’aa Dabaluuf Leenjiin Kaizenii kennama Jira********************************************************Onk...
20/10/2026

Oomishtummaa fi Bu’aa Dabaluuf Leenjiin Kaizenii kennama Jira
********************************************************
Onkololeessa 10/2019 (OFWE):-
Dhaabbanni Bosona fi Bineensa Bosona Oromiyaa oomishtummaa fi qulqullina oomishaa guddisuuf, manajimantii dhaabbataa fi hoggantoota dameeleef leenjii Kaizen kennaa jira. Leenjiin Kaizenii Qisaasama qabeenyaa, yeroo fi meeshaa hanbisuu, baasii xiqqaan bu’aa guddaa argachuu, tajaajila qulqullina qabu kennuu fi hirmaannaa hojjettootaa cimsuun oomishtummaa dabaluu fi aadaa hojii itti fufiinsaan jijjiiruuf Guyyaa 10/02/2019 irraa jalqabee Magaalaa Adaamaatti kennamaa jira.
Kaizeniin rifoormii sirna bulchiinsaa, tajaajilaa fi oomishtummaa deeggaruuf meeshaa gaarii waan ta’eef, DhBBBO marsaa adda addaatiin hojjettoota hundaaf leenjii kennaa jira. Bu’aan waaraan akka argamuuf, hoggantoonni olaanoon hojjettootaaf madaallii fi beekamtii yeroo yeroon kennuu, akkasumas hordoffii fi deeggarsa taasisuu waan ta’eef leenjiin kun baay’ee barbaachisaa dha.

."
================================
Face Book
https://web.facebook.com/profile.php?id=100083274790328
Telegram
https://t.me/OromiaFWE
LinkedIn
https://lnkd.in/p/g3cxngXn
Instagram
https://www.instagram.com/oromiafwe2025/
TikTok
https://www.tiktok.com/...
Youtube
https://m.youtube.com/channel/UCa-w

19/10/2026

🔧 Kalaqa Dhaabbataaf Bu’aa Buusu!
*********************************************
Garaanji Dhaabbata Bosonaa fi Bineensa Bosonaa Oromiyaa (DhBBBO) keessatti Obbo Shallamaa Tulluun baasii qarshii kuma shan (5,000) hin caalle fayyadamuun maashina Sarkuular Saw kalaquun Manajimantiin Dhaabbata daawwachisani jiran.
Maashinni kun ilkee magaazii xaawulaa yeroo gabaabaa keessatti qaruun, oomishni xaawulaa saffisaan akka omishamuu bu’aa guddaa qabaachu ogeeyyiin ibsani jiran.
Obbo Shallamaan maashina Bandsaw yeroo dheeraaf badee hojii malee ture fuudhanii, maashina Sarkuular Saw kalaquun hojii irra oolchan. Hanga ammaatti maashinoonni akkasii biyya alaatii sharaafa guddaan bitamaa kan turan yoo ta’u, kalaqni kun baasii Sarkuular Saw biyya alaatii galchuuf oolu hambisuu danda’ee jira.
💡Kalaqni akkanaa kun, ogeeyyiin keenya yoo deeggarsa argatan wantoota biyya alaatii galan biyya keessatti tolchuu akka danda’an agarsiisa.
👏 Obbo Shallamaa Tulluu, baga gammaddan!


."
================================
Face Book
https://web.facebook.com/profile.php?id=100083274790328
Telegram
https://t.me/OromiaFWE
LinkedIn
https://lnkd.in/p/g3cxngXn
Instagram
https://www.instagram.com/oromiafwe2025/
TikTok
https://www.tiktok.com/...
Youtube
https://m.youtube.com/channel/UCa-w

Address

Kebena
Addis Ababa

Opening Hours

Monday 02:00 - 23:00
Tuesday 02:00 - 23:00
Wednesday 02:00 - 23:00
Thursday 02:00 - 23:00
Friday 02:00 - 23:00
Saturday 02:00 - 18:00

Telephone

+251904864918

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromia Forest and Wildlife Enterprise posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Oromia Forest and Wildlife Enterprise:

Shortcuts

Share